Lallaba
‘Waadaa Tokkummaa Qabsaawota Walabummaa Oromiyaa’
Gumii Idda
Bu’oota THBO
Guyyaa: Ammajjii 31, bara
2009
Walgayiin Gumii Idda Bu’oota
THBO bultii lamaaf teessoo godhate irratti bu’ura marii gurguddoo ta’an
gad-fageenyaan xiinxalee jira. Qabxiileen marriin irratti godhame:
A) Dararaa humni diinaa waggaa dhibbaa ol ummata
Oromoo irra geessaa turee fi
geessaa jiru,
B) Haala mooraa diinaa keessa jiru fi tooftaalee humni
diinaa ummata Oromoo lafarraa dhabamsiisuuf baafatee fi baafachaa jiru,
C) Haala mooraa qabsoo Walabummaa Oromiyaa keessa jiru
fi
qabanii hoo madaalan maal akka
fakkaachaa jiru,
D) Fedhii fi dhaamsa ummanni Oromoo baroota dheeraa
qabsawoota Oromoo hundaaf dabarsaa turee fi
hardhas dabrasaa jiru turan.
Marii
adeemsisame irraa wal-hubannoon argame, ir’innoota gurguddoo mooraa qabsoo
walabummaa Oromiyaa keessatti mul’atan keessaa inni tokko humni qabsaawota
Oromoo faffaca’uu irraa kan madde hooggana jabaa, jaarmaya ititaa fi warraaqaa
dhabuu, sababa kanaanis sabni Oromoo yaadaan faca'ee diinni milkaahutti akka
jiru argisiisa. Ir’inna kana furuudhaan gabrummaa saba Oromoo irratti fe’ame
dhabamsiisun dirqama qabsaawota walabummaa Oromiyaa hunda tahuun sirrtii jala
sararamee, murtiilee jajjabboo fi hatattamaa
1. Kaayoon Qabsoo saba Oromoo, Oromiyaa walabaa keessatti
ummata bilisaan mootummaa birmaduu
dimokraatawaa republika
Oromiyaa ijaaruudha. Mirgi kun mirga ummanni Oromoo akka sabaatti qabu,
mirga kaayoo hundee kana
irratti waalta’u. Kana jechuunis: Kaayoo hin shasharafamne
Oromiyaa, bilisummaa ummata
Oromootii fi birmadummaa mootummaa Oromiyaa irratti hundaawuu
‘Ummanni Oromoo, Oromiyaa
Walabaa akka deebifatu, Oromiyaa walabaa keessatti mirga guutuu sabummaa
fi dhala-namoomaa akka
gonfatuu, Oromiyaa walabaa keessatti mootummaa birmaduu dimokraatawaa republika
Oromiyaa akka ijaaratu’ gurmuu
tokkoon qabsoo godhuuf waadaa
2. Kaayoo walabummaa Oromiyaa daandii warraaqsa diddaa
gabrummaa, tarsimoo qabsoo hidhannootii fi
dhawaa-mala siyaasaa
waraanummaa, sirnaa fi kaayoo jaarmayaa fi hoggana warraaqaa, walabaa,
dimokiraatawaa fi waaltayaa
utubaa tokkummaa kaayoo/galii siyaasaa, tokkummaa jaarmayaa tarkaanfii
duraa taasifannee wolitti
dhangala’uun jaarmaya ititaa, hoggana warraaqaa fi waraana walabummaa
Oromiyaa tokko ijaarachuuf
sagalee tokkoon yaadaan (in principle) waliigalle. Haa tahu malee;
2.1 Jaarmayoota miseensa THBO tahan keessaa jaarmayoonni
afur; ATBUO, FIDO, GABUO fi AWOn
adeemsa (process) walitti
baqiinsaa ammumma irraa jalaqabanii irratti hojjachuudhaan yeroo murtaawe
keessatti xumuruuf walii
galanii tartiibaa hujii kanaaf barbaachisu illee lafa kaayatanii jiru.
2.2 Jaarmayni tokko (ABOn - jaal Dhugaasaa Bakakkootiin
hoogganamu) ammoo, karoora yeroo gabaabaa
fi
murtii maayyii kennachuuf
qophii tahuu ibsatee jira. Gaabaatti
tahe irraa, waliigaltee fi
ejjennoo dhaabboleen dhawataan garsiisan tu murteessa. Jaarmoti miseensota THBO
ta'an wal wajjin hojjechuu
dhawaataan wal amantaa fi "capabilities" addaddaa horachaa deemu.
Yeroo kana
keessa (a) jaarmonni walitti
baquu fedhanis walitti baqaa deemu; (b) ULFOn hojii qabsoo adda-ddaa
hojjechuun bu'aa tokkummaa
argisiisaa deema. 2
3. Adeemsa seena qabeessa
jaarmayootaa fi qabsaawota walabummaa Oromiyaatiif qabsaawan hunda
tokkomsuu kana irratti
hirmaatanii qooda isaanii akka gumaachan jaarmayootaa fi qabsaawota THBOn
ala jiran kanneen kaayoo
walabummaa Oromiyaa, bilisummaa ummata Oromoo fi birmadummaa
mootummaa Oromiyaa’ deebisanii
ijaaruuf qabsoo godhan hunda waliin qabsaawuuf balbala keenna
banaa akka goonu waliif
4. Amna seena qabeessaa fi adeemsa eebbifamaa tokkummaa
qabsaawota walabummaa Oromiyaa kana hujii
irra oolchuu fi fiixa baasuu
akka nu dandeessisu tarsimoo fi riqicha (strategy and mechanism) laafa
kaayanne.
5. Walhubannootaa fi waadaa asii olitti ibsame kana
ummata keennaa fi jaarmayoota keennaaf dhiyeessinee,
ir’innoota irreen tokkummaa
qabsaawota walabummaa Oromiyaa itituu dhabuu irraa madde deeggersa
ummata keennaatiin furmaataa fi
murtii maayyii argamsisuuf waliigalle.
Waamicha:
1. Miseensonni jaarmayoota
woliigaltee kanarra gayanii hundi akeekni eebbifamaan gurmuu qabsaawota
walabummaa Oromiyaa deebisanii
ijaaruun gabrummaa dhabamsiisuun akka fiixa ba’u woliigaltee kana
duuba hiriiruun wareegama
ol’aanaa irraa eeggamu hunda akka baasan/kafalan;
2. Jaarmayoonni Oromoo
‘Walabummaa Oromiyaa,
bilisummaa Ummata Oromoo fi birmadummaa mootummaa Oromiyaa’ ijaaruuf
qabsaawan marti waliigaltee
eebbifamaa kana fudhachuun qooda isaanii akka gumaachan;
3. Ummanni Oromoo
gaaddisa tokkummaa kana jalatti
gurmaawanii irree qabsoo walabummaa Oromiyaa humnessuun sirna
kiyyoo gabrummaa dhabamsiisanii
guyyaa ummanni Oromoo Oromiyaa walaba keessatti mootummaa
birmaduu bilisummaan filatee
nagayaa fi badhaadhinnaan akka jiraatu gochuu irratti qooda gahaa akka
kennan waamicha goona.
Tokkummaan Humna!
Oromiyaan Ni Walaboomti!
1. Adda Tokkummaa Bilisummaa
Ummmata Oromoo (ATBUO) 2. Adda Walabummaa Dimokraatummaa Oromiyaa AWDO (FIDO)
3. Adda Bilisummaa Oromoo (ABO)
3. Gumii Adda Bilisummaa Ummata Oromiyaa (GABUO) 5. Adda Walabummaa Oromiyaa (AWO)